Kitaaba Faaru'uu 85
TWF1 Ee Mootii Waan Maraa ati lafa teeti mararteerta; sanyii Yaaqoobiitiif milkii adde’etti deebitteerta. 2 Ati yakkaa kolbaa teetii araaranteerta; cubbuu isaaniille mara golliteerta. 3 Mufii teeti lakkitteerta; aarii teeti ta bobeettu irraa deebiteerta. 4 Ee Waaqa fayyisaa keenna, adde’etti nu deebisi; nutti mufatiisa lakkisi. 5 Ati haga bara baraa nutti aartaa ree? Aarii teeti dhaloota irraa gara dhalootaatitti dabarsitaa ree? 6 Kolbaan teeti akka sitti guddoo gammadu, deebittee nu hin jiraachittuu ree? 7 Ee Mootii Waan Maraa jaalala keeti ka bara baraa nutti mudhisi; fayyisiisa keeti nuu kenni. 8 Ani waan Waaqi Mootiin Waan Maraa dubbatu hin caqasa; kolbaan isaa, worri isaaf addatame, gara gowwumma’aatitti hin deebi’in malee, Mootiin Waan Maraa nageya isaaniif waadaa gala. 9 Ulfinni isaa lafa teenna keessa akka jiraatu, dhugumaan fayyisiisi isaa worra isa sodaatuuf dhikoo jira. 10 Jaalalli fi addatamummaan wol dhaggan; balchumma’aa fi nageenni wol sunqatan. 11 Addatamummaan lafa keessaa latti; balchummaan ol-gubbaa irraa gad ilaalti. 12 Mootiin Waan Maraa waan dansaa hin kenna; latti teennalle midhaan hin baatti. 13 Balchummaan dura isaa deenti; tarkaaffii isaatiif daandii qopheessiti.
