Menu

Kitaaba Faaru'uu 76

TWF

1 Waaqi biyya Yihuda’aatitti beekkama’a; Israa’el keessatti maqaan isaa gudda’a. 2 Dunkaaniin isaa Yerusaalem keessa; addeen woyyittiin isaa gaara Xiyoonii irra. 3 Inni achitti daaya balaqqisaa deentu, wontee, shallaaga’aa fi meya woraanaa mara caccasse. 4 Ee Waaqa ati attam attam ulfaata’a! Arnyi keeti gaarota gugurdaa caala. 5 Worri jannooti saamamanee, akka malee rafaneeran; isaan keessaa tokkolle, harka ifiitiin womaa hujuu hin dandeenne. 6 Ee Waaqa Yaaqoobii, xixicha keetiin abbaan fardaatii fi fardi isaalle jigane. 7 Ati ammoo sodaatama’a; yennaa aariin teeti kaate, eentu si dura dhaabbatuu dande’a? 8 Ati ol-gubbaa irraa muraa teeti lassite; biyyi lafaalle sodaattee cadhitte. 9 Ee Waaqa, worra biyya lafaa irratti cunqurfame wodiisaaf, yennaa ati muraa kenniisaaf kaate, biyyi lafaa cadhitte. 10 Mufiin teeti waan hantuu waan mormituuf, kolbaan si leellifatti; worri mufii teeti irraa hafe waan hantuu hujiisa hin lakkisa. 11 Waaqa Mootii Waan Maraa keessaniif waadaa gala’a; waan waadaa galtane san muummessa’a. Worri lafa adaala isaa jiru marti ka sodaatamu’uu maleef kennansa fidanuu ti. 12 Inni qondaaltota kooranu gad qaba; mootota lafa irraalle akka malee sodaachisa.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate