Menu

Kitaaba Faaru'uu 63

TWF

1 Ee Waaqa, ati Waaqa kiyya; ani si barbaada. Akka lafa bisaan dhaddee goggoddee, lubbuun tiyya si dheebotti; nafi kiyyalle si dharra’a. 2 Tanaaf, ani Dunkaanii Woyyittii teeti keessatti si ilaalee, hunnaa fi ulfinna keeti dhagge. 3 Jaalalli keeti ka bara baraa jiruu waan caaluuf, arrabi kiyya si leellisa. 4 Ani haga jiru si leellifadha; harka kiyya ol qabadhee, maqaa keeti waammadha. 5 Akka sagalee dansaa nyaatteetitti, lubbuun tiyya quutte; afaan kiyya arraba ililleetti’iitiin si leellisa. 6 Taqee tiyya irratti si qaabadha; halkan duudii marroo teeti yaada. 7 Ati qarqaarsa kiyya waan teeteef, gaaddisa bobaa teetii jalatti, gammadaan faarfadha. 8 Lubbuun tiyya sitti maxxanti; harki keeti middichi ol na qaba. 9 Worri jiruu tiyya balleessiisaaf barbaadu, qilee lafa jalaatitti gad bu’a. 10 Isaan shallaagaa afaan bu’an; jeedalaaf sagalee te’an. 11 Mootichi ammoo Waaqaan hin gammada; worri maqaa Waaqaatiin kakatu marti Waaqa hin leellisa; afaan worra dharaameyyi’ii hin cufama.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate