Menu

Kitaaba Faaru'uu 53

TWF

1 Gowwooleen gadhaa ifii keessatti, «Waaqi hin jiru» jedhan; isaan worra bada’a; waan gadhee hujan; isaan keessaa ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru. 2 Worra qaroolee Waaqa barbaadu, yoo jiraatane dhaggiisaaf, Waaqi ol-gubbaa irraa, gara ilmaan namaa gad ilaala. 3 Isaan ammoo martinuu dudda itti galaneeran; martinuu wolumatti worra badaa te’aneeran; isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru; tokkolle hin jiru. 4 Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu? Akkuma nami sagalee nyaatu worri kolbaa tiyya nyaatu, gara Waaqaa hin daadimatu. 5 Isaan addee wonni sodaatanu hin jirretti, sodaatanee bararaqan. Waaqi lafee diina kolbaa ifii hin bittinneessa; Waaqi waan isaan jibbeef, isin kolbaan Waaqaa isaan hin qaanessitan. 6 Xiyoon keessaa Israa’eliif fayyinni adoo dhufee jiraatee! Yennaa Waaqi boojuu kolbaa ifii deebisu, sanyiin Yaaqoobii burraaxxuu ti; kolbaan Israa’elii gammadduu ti.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate