Menu

Kitaaba Faaru'uu 46

TWF

1 Waaqi addee itti baqannu; inni hunna teenna; yennaa rakko’oo inni guddoo nu qarqaara. 2 Tanaaf latti yoo tachoote, gaarri gara qilee abbaaya’aa yoo bu’e, 3 bisaan yoo shookkisee hoomachowe, raafamiisa isaatiin gaaroti yoo hollatanelle nuuti hin sodaannu. 4 Lagi maddi isaa qachaa Waaqaa, addee woyyittii Waaqi Ol Aanaan le’u gammachiisu tokko jira. 5 Waaqi qachaa san keessa waan jiruuf, qachaan sun hin tacho’u; Waaqi barii ganama qachaa san hin qarqaara. 6 Gosi biyya adda addaa hogitte, mootummootille jidde; Waaqi qoonqoo ifii dhageessise, lattille baxxe. 7 Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira; Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu. 8 Kowa’aatii, hujii Mootii Waan Maraa, badii inni lafa irratti fide ilaala’a. 9 Inni lola biyya lafaa irraa hin dhaabbachiisa; guube’ee fi eboo hin caccassa; wonteelle ibiddaan hin guba. 10 Inni, «Cadhisa’aa, ani Waaqa akka te’e beeka’a; ani gosa biyya adda addaa oddu’utti, biyya lafaa irralle’etti hin saadama» jedha. 11 Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira; Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate