Menu

Kitaaba Faaru'uu 43

TWF

1 Ee Waaqa, naaf muri; worra si’itti hin dhugeeffanne duratti naaf falmi; worra dharaameyyi’ii fi hamaaleyyii jalaa na baasi. 2 Ati Waaqa ani itti baqadhu; ati maaf na lakkitte ree? Ani diinota kiyyaan cunqurfamee maaf bowaa ideema ree? 3 Ifa keetii fi dhugaa teeti ergi; isaan na sooressaa gara kooba teeti woyyitti’ii gara Galma ati keessa leetuu na fidanuu ti. 4 Achiin duuba ani gara addee ciinca’aa ta Waaqaa gara Waaqa itti gammaduu hin dhaqa; ee Waaqa, Waaqa kiyya, ani kiraara kiyya guddichaan si leellisa. 5 Ee lubbuu tiyya maaf gaddita? Na keessatti maaf jeeqanta? Ani deebi’ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf, Waaqa keetitti addii godhadhu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate