Kitaaba Faaru'uu 38
TWF1 Ee Mootii Waan Maraa, aari’iin na hin xixin; mufi’iin na hin adabin. 2 Daayi keeti na woraaneera; harki keeti gad na qabe. 3 Sababa mufii teetiitiif, nafi kiyya dhibameera; sababa cubbu’uutiif, lafeen tiyya fayyaa hin qaddu. 4 Yakkaan tiyya mataa kiyya irra dabarteerti; isiin akka ba’a’aa guddoo natti ulfaatteerti. 5 Sababa gowwummaa tiyyaatiif, madaan tiyya shantee ajootti. 6 Ani gad jedhee, guddoo gugguufe; guyyaa guutuu bowaa daaqe. 7 Hidhi kiyya waan na o’eef, nafi kiyya fayyaa hin qabu. 8 Ani dadhabee, ijjumaa bututeera; gadhaan waan na raafameef aada. 9 Ee Goottaa kiyya, ati halchaa tiyya mara beetta; aadiisi kiyya si duraa dhokatee hin jiru. 10 Onneen tiyya na dhowatti; hunni tiyya na laatteerti; ilti tiyyalle dhagguu dhaddeerti. 11 Jaaloti tiyyaa fi lansooti kiyya sababa madaa tiyyaatiif na irraa baqatane; firri kiyyaayyuu na irraa fagaatane. 12 Worri na ijjeesiisaaf barbaadu tiyyoo natti afan; worri na miidhiisaaf barbaadu na balleessiisaaf mari’atan; isaan guyyaa guutuu mala natti dhowan. 13 Ani ammoo akka nama gurra duudee, hin dhage’u; akka nama afaan duudee, hin dubbadhu. 14 Dhugumaan, ani akka nama hin dhageennee, akka nama deebii deebisuu hin dandeennee ti. 15 Ee Mootii Waan Maraa, ani ammoo addi’iin si eegadha; Ee Goottaa Waaqa kiyya, atille deebii naaf hin kennita. 16 Ani, «Worri yennaa miilli kiyya mucucaatu na irratti kooru, akka isaan natti gammadanu hin godhin!» jedhe. 17 Ani jiguu geyeera; yennaa mara ani dhibee woliin jira. 18 Yakkaa tiyya hin faaci’adha; cubbuu tiyyaaf gadda. 19 Diinoti kiyya hunnaameyyiin baca’a; worri sababa malee na jibbu heddu’u. 20 Yennaa ani waan dansaa huju waan hantuu naaf deebisan; yennaa ani waan dansaa hordofu isaan na morman. 21 Ee Mootii Waan Maraa, na hin lakkisin; Waaqa kiyya, na irraa hin fagaatin. 22 Ee Goottaa fayyisaa kiyya, na qarqaariisaaf ariifadhuu koy.
