Menu

Kitaaba Faaru'uu 36

TWF

1 Cubbuun nama hamaa gadhaa ifii keessatti hammeenna akka yaadatu gooti; Inni ijjumaa Waaqa hin sodaatu. 2 Inni yakkaa ifii dhaggee akka hin jibbine, ifumaan ifi sossoba. 3 Dubbiin afaan isaa hammeennaa fi dharaan guutanteerti; inni qarumma’aan hujiisaa fi waan dansaa godhiisa lakkiseera. 4 Inni rifanoo irra adoo jiruu hantuu yaadata; karaa hamaa ideema; waan hantuu hin didatu. 5 Ee Mootii Waan Maraa, jaalalli keeti ka bara baraa haga ol-gubba’aa, addatamummaan teetille haga duumensaa hin dhaqqaddi. 6 Ee Mootii Waan Maraa, balchummaan teeti akka gaarota gugurda’aa ti; muraan teeti akka gad fageenna abbaaya’aa ti; ati namaa fi horii, bineensalle hin eedda. 7 Ee Waaqa, jaalalli keeti ka bara baraa attam attam ka gatii guddoo qabu! Kolbaan marti gaaddisa koola keetii jalatti baqatti. 8 Isaan sagalee bacaa mana keetii nyaatan; ati laga keeti gammachiisaa irraa bisaan isaaniif kennita. 9 Ati madda jiru’uu ti; nuuti ifa keetiin ifa dhaggina. 10 Worra si beekuuf, jaalalli keeti ka bara baraa, worra gadhaa-qajeela’aatiif balchummaan keeti irraa hin citin. 11 Miilli worra kooruu na hin dhiitin, harki worra hamaaleyyi’ii na hin ari’in. 12 Worri hamaaleyyiin attam akka jigane ilaali; isaan jiganeeran, ka’uu hin dande’anu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate