Kitaaba Faaru'uu 32
TWF1 Nami cubbuu isaatiif araarri kennameef, ka yakkaan isaa lakkifanteef ka gammade. 2 Nami Mootiin Waan Maraa cubbuu itti hin laakkonne, ka soba ifi keessaa hin qanne ka gammade. 3 Ani yennaa cubbuu tiyya faaci’atuu dhabe, guyyaa guutuu aada. 4 Ati halkanii fi guyyaa na adadde; akka waan o’i bonaa gossee, hunni tiyya na keessaa godde. 5 Achiin duuba ani cubbuu tiyya sitti dhugaa baase; yakkaa tiyyalle hin dhoffanne. Ani «Cubbuu tiyya Mootii Waan Maraatitti dhugaa baasa» jedhe; atille cubbuu tiyya naaf araarante. 6 Tanaaf, nami addatamaan marti gara keeti daadimatuu ti. Rakkinni akka lolaa jaba’aa yennaa dhufe, isa hin dhaqqabu. 7 Ati addee ani itti dhokadhu; ati rakkinna irraa na eedda. Ati ililleettii worra bayiisa kiyyatti firinxiixuun na marsite. 8 Mootiin Waan Maraa, «Ani karaa ati deemu’uu malte si hubachiisee si barsiisa; si gorsa; si toowadha. 9 Ati akka fardaa fi gaange’ee, ka wo hin beennee hin te’in! Bixaalaa fi lugaamaan ifitti yoo harkitte malee, isaan sitti hin dhikaatanu» jedhe. 10 Farri worra cubbaaleyyi’ii heddu’u; nama Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo jaalalli isaa ka bara baraa isa hin marsa. 11 Isin balchooleen Mootii Waan Maraatiin gammada’aa ilillisa’a! Isin worri gadhaa qajeela’aa ilillisa’a.
