Menu

Kitaaba Faaru'uu 28

TWF

1 Ee Mootii Waan Maraa, ani si waammadha; rassaa kiyya, ati na jalaa hin cadhisin! Ati yoo na jalaa cadhitte, ani akka worra boolla awwaalaatitti gad bu’ee hin te’a. 2 Qarqaarsa dhaggatiisaaf, harka kiyya gara addee woyyittii woyyootaa teetii ol kaasee, yennaa ani gara keeti iyyu, daadimata kiyya naaf dhage’i. 3 Worra hamaaleyyii, ka waan hantuu huju woliin na hin harkisin! Isaan ollaa ifii woliin afaaniin dubbii nageyaa dubbatan; gadhaa ifii keessatti ammoo waan hantuu yaadan. 4 Ati akka hujii isaaniititti, akka hujii hantuu isaaniititti gatii isaaniif kenni; Akka hujii harka isaaniititti isaaniif kenni; adabbii isaaniif malte isaaniif kenni. 5 Isaan hujii Mootii Waan Maraa yookiin hujii harka isaa waan hin ilaalleef, inni isaan hin diiga malee, deebi’ee isaan hin ijaaru. 6 Iyya tiyya waan dhage’eef, Mootiin Waan Maraa leellifamu. 7 Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya; wontee tiyyalle’e; ani isatti addadha. Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef, ani faaru’uun isa hin galateessa. 8 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif jabeenna isaanii ti; ka ifii muudeef kushee fayyinnaa ti. 9 Ee Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti baasi; worra keeti te’ane eebbisi; tissee isaanii te’iitii, haga bara baraa isaan ba’adhu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate