Menu

Kitaaba Faaru'uu 23

TWF

1 Mootiin Waan Maraa tissee kiyya; ani womaa hin dhabu. 2 Inni marra bisilee keessatti akka ani foorfadhu godha; gara bisaan dansa’aa na geessa. 3 Inni jabeenna haareya naa kenna; maqaa ifiitiif jedhee daandii balchaa irra na sooressa. 4 Ani dhooqa gaaddisa du’aa keessa yoo ideemelle, ati waan na woliin jirtuuf, Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu. Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan. 5 Adoo diinoti kiyya dhagganuu, ati nyaata naaf qopheessita. Mataa kiyya zayitii ejersaa muudda; muduunuun tiyyalle guuttee irraa dhangalaati. 6 Dhugumaan, bara jiruu tiyyaa mara, dansummaan teetii fi marartiin teeti na gula deeman; bara le’ii tiyyaa mara mana Mootii Waan Maraa keessa hin le’a.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate