Kitaaba Faaru'uu 20
TWF1 Guyyaa rakkinna keetii Mootiin Waan Maraa si’iif dhage’u! Maqaan Waaqa Yaaqoobii si eegu! 2 Inni Dunkaanii Woyyittii ifi keessaa qarqaarsa si’iif ergu; gaara Xiyoonii irraa qarqaarsa siif ergu. 3 Inni kennansa keeti mara fudhatee ciincaa keeti maratti gammaduu ti. 4 Inni halchaa gadhaa keetii sii kennu; yaada keeti mara sii guutu. 5 Yennaa ati injifatte nuuti gammadaan hin ilillinna; Waaqa keenna leellisiisaan baandiraa keenna ol kaafanna; Mootiin Waan Maraa waan ati gaafate mara si’iif guutu. 6 Mootiin Waan Maraa ka ifii muude akka qarqaaru ani hin beeka; inni ol-gubbaa woyyittii ifii keessaa deebii isaaf hin kenna; harka ifii middichaan injifachaa guddoo isaaf hin kenna. 7 Worri gariin garreettaa lolaa ka fardaan harkifamu ifiititti, worri gariin fardoo ifiititti addata; nuuti ammoo maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatitti addanna. 8 Isaan gufatanee hin jigan; nuuti ammoo kaanee jabaannee hin dhaabbanna. 9 Ee Mootii Waan Maraa! Mooticha injifachiisi! Yennaa nuuti si waammannu nuuf dhage’i!
