Menu

Kitaaba Faaru'uu 146

TWF

1 Mootii Waan Maraa leellisa’a! Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi! 2 Ani bara le’ii tiyyaa mara Mootii Waan Maraa leellisa; haga jiru mara Waaqa kiyyaaf faaruu leellisaa hin faarfadha. 3 Worra isin baasuu hin dandeenne, qondaaltota ilmaan namaa itti hin addatina’a! 4 Isaan yennaa du’anu, gara biyye’ee deebi’an; guyyuma san karoorri isaanii hin bada. 5 Nami Waaqi Yaaqoobii qarqaarsa isaa te’e, ka Mootii Waan Maraa Waaqa ifii addii godhatu gammaduu ti. 6 Mootiin Waan Maraa ol-gubba’aa fi lafa, abbaaya’aa fi waan isaan keessa jiru mara dade; inni haga bara baraa addatamummaa ifii hin eegata. 7 Inni worra cunqurfameef haqaan mura; worra beeloteef sagalee kenna. Mootiin Waan Maraa worra hidhame bilisa baasee, 8 worra ballaa ila bana. Worra gad jedhe ol qaba; worra balchaa jaalata. 9 Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega; inni ijoollee abba’aa fi haadha hin qannee fi haadhotii hiyyeessaa hin qarqaara; karaa worra hama’aa ammoo hin balleessa. 10 Ee Xiyoon, Waaqi keeti Mootiin Waan Maraa, dhalootaa haga dhalootaatitti, haga bara baraa hin bulcha. Mootii Waan Maraa leellisa’a.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate