Kitaaba Faaru'uu 142
TWF1 Ani qoonqoo ol qabadhee, gara Mootii Waan Maraa iyya; marartii dhaggatiisaaf Mootii Waan Maraa gaafadha. 2 Komii tiyya mara isa duratti dhangalaasa; rakkinna kiyyalle isa duratti himadha. 3 Yennaa ani addii kutatiisa geyeeru, gara ani ideemaaru ati hin beetta. Daandii ani irra ideemu keessa, isaan fonxoroo naaf dhossaneeran. 4 Adaala kiyya ilaalii dhaggi; nami naaf yaadatu hin jiru; addeen ani itti baqadhu hin jirtu; nami tokkolle haajaa kiyya hin qabu. 5 Ee Mootii Waan Maraa, ani gara keeti iyya; ani, «Ati ka ani itti baqadhu; lafa worra jiraata’aa tana keessatti ati qooda kiyya» jedha. 6 Ani waan qarqaarsa hin qanneef, iyya tiyya naaf caqasi; worri na miidhu guddoo waan natti jabaataneef, ati isaan jalaa na baasi. 7 Maqaa keeti akka leellifadhu, hidhaa keessaa na baasi. Ati waan dansaa waan naa gooteef, worri balchaan na hin marsan.
