Menu

Kitaaba Faaru'uu 108

TWF

1 Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu; ani gadhaa tokkochaan, meya faaru’uu ka adda addaatiin hin faarfadha! 2 Ee kiraara guddicha, ee maseenqo’o dammaqa’a! Anille boruu hin dayyaasa. 3 Ee Mootii Waan Maraa, ani gosa biyya adda addaa oddu’utti si galateeffadha. Ani gosa biyya adda addaa oddu’utti faaru’uun si leellisa. 4 Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te’eef, akka ol-gubba’aa ol fagaata; addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi. 5 Ee Waaqa, ol-gubba’aan gubba’atti saadami; ulfinni keeti lafa duudii irratti te’uu ti. 6 Kolbaan ati jaalatu akka baatu, hunna teetiin nu baasi; daadimata keennaafille deebii kenni. 7 Waaqi addee woyyittii ifii keessaa, «Ani injifadhee, lafa, ‹Sheekem› jedhantu hin hira; dhooqa Suukootii kolbaa tiyyaaf hin qooda. 8 Latti Giil’aadii tiyya; latti Minaase’eelle tiyya; Efreem gullee tiyya ta sibiilaa ti; Yihudaan ulee tiyya ta bokku’uu ti. 9 Mo’aab gabataa kiyya ka itti dhiqataa ti; Edoom kiyya akka te’e mirkaneessiisaaf, kophee tiyya irratti hin qolaansa; Filisxeemota irratti injifanno’oon ilillisa» jedheera. 10 Gara qachaa guddicha dalleya dhaka’aatiin marfamee eentu na fida ree? Akka loluuf gara Edoomii eentu na geessa ree? 11 Ee Waaqa, ati nu gatteerta; loltoota teenna woliin bayiisa lakkitteerta. 12 Qarqaarsi namaa womaa waan nu’uuf hin baneef, diinota keenna akka lolluuf, ati nu qarqaar. 13 Qarqaarsa Waaqaatiin hin injifanna; inni diinota keenna hin salphisa.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate