Kitaaba Fakkeennaa 14
TWF1 Dubartiin qaroon mana ifii ijaarratti; dubartiin gowwaan ammoo harkuma ifiitiin mana ifii diiddi. 2 Nami karaa qajeelaa ideemu Mootii Waan Maraa sodaata; ka karaan isaa micciirama’aa ammoo isa tuffata. 3 Nama gowwaa dubbuma isaatitti adabbii isatti fida; nama qaroo ammoo afaan isaatitti isa eega. 4 Lafa qotiyyoon hin jirre gootaraan duwwaa hin te’a; hunna qotiyyo’ootiin ammoo midhaan hin bacata. 5 Dhugaa bayaan dhugaammessi hin sobu; dhugaa bayaan dharaamessi ammoo dhara dubbata. 6 Nami murgaamessi qarummaa hin barbaada; garuu hin dhaggatu; worra qalbeeffataa ammoo beekkumsa dhaggatiisi hin dhibu. 7 Afaan isaa irraa beekkumsa waan hin dhagganneef, nama gowwaa irraa fagaadhu. 8 Qarummaan nama qalbeeffata’aa karaa irraa akka hin gorre tolchiti; gowwummaan nama gowwa’aa ammoo karaa irraa gorsiti. 9 Gowwooleen ciincaa sababa cubbu’uutiif dhikaatutti murgan; odduu worra qajeela’aa ammoo fedhii dansa’atti jira. 10 Nami martinuu gammadaa fi gadda hadhowaa ifii hin beeka; ka isa woliin qoodamu hin jiru. 11 Manni worra hama’aa hin jiga; qe’een worra qajeela’aa ammoo hin badhatti. 12 Karaan sirrii namatti fakkaatu jira; muummeen isaa ammoo gara du’aa geessa. 13 Kolla keessaayyuu gaddi jiraachuu dande’a; gammadi gaddaan muummowuu dande’a. 14 Nami hamaan gatii hammeenna ifii hin fudhata; nami dansaalle gatii hujii dansaa ifii hin fudhata. 15 Gowwaan waan mara dhugeeffata; qalbeeffataan ammoo ijjata ifii hin ilaallata. 16 Nami qaroon waan hantuu sodaatee irraa hin deebi’a; nami gowwaan ammoo ifi hin eegatu; hin ariifatalle’e. 17 Nami dafee aaru waan gadhee huja; nami mala namatti dhowu hin jibbatama. 18 Nami hin bilchaatin gowwummaa dhaala; nami qalbeeffataan beekkumsa akka kallachaa keyata. 19 Worri hamaan worra dansaa duratti, worri cubbaaleyyiin karra worra balcha’aa duratti gad hin jedhan. 20 Hiyyeessi ollaa ifiitiinuu hin jibbatama; dureessi ammoo jaalota hedduu qaba. 21 Nami nama tuffatu cubbaalessa; nami hiyyeessaaf nayu ka gammade. 22 Worri mala hamaa dhowu karaa irraa goranii motii ree? Worri mala dansaa dhowu ammoo hin jaalataman; hin addatamanille’e. 23 Jabaatanee hujiis bu’aa qaba; oduu callaa odeessiis ammoo gara hiyyumma’aa qofa nama geessiti. 24 Qananummaan kallacha qaroole’ee ti; gowwummaan ammoo seesa gowwoole’ee ti. 25 Dhugaa bayaan dhugaammessi jiruu fayyisa; dhugaa bayaan dharaamessi ammoo hin soba. 26 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu kushee jadduu qaba; ijoollee isaatiifille addee itti baqattu hin teeti. 27 Mootii Waan Maraa sodaatiis madda jiru’uu ti; tiyyoo du’aa irraa nama deebisa. 28 Ulfinni mooti’ii bacinna kolba’aa ti; kolbaan yoo hin jiraatin ammoo inni hin bada. 29 Nami ossatu hubantii guddoo qaba; nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa. 30 Yaadi nageyaa jiruu nafaaf kenna; hinaaffaan ammoo lafee tortorsa. 31 Nami hiyyeessa cunqursu ka isa dade tuffata; ka hiyyeeyyi’iif nayu ammoo Waaqaaf ulfinna kenna. 32 Nami hamaan hammeenna ifiitiin bada; nami balchaan du’a keessalle’etti addee itti baqatu qaba. 33 Qarummaan gadhaa worra woy hubatuu keessa leeti; isiin gadhaa gowwootaa keessatti ammoo hin beekkantu. 34 Balchummaan kolbaa ol qaddi; cubbuun ammoo kolbuma mara salphitti. 35 Mootiin tajaajilaa qaro’otti hin gammada; ka isa fokkisiisutti ammoo hin mufata.
