Menu

Kitaaba Iyoobii 26

TWF

1 Achiin duuba Iyoob deebisee, 2 «Ati nama hunna hin qanne attam attam qarqaarte! Nama dadhabaalle attam attam jabeessite! 3 Ati nama qaroo hin te’in attam attam gorsite! Beekkumsalle attam attam kenniteef! 4 Tana akka dubbattu ka si qarqaare eennu? Ayyaana eennuutitti afaan keeti keessaa dubbate? 5 «Ekeraan abbaaya’aan jalatti rorommiisatti jirti. 6 Addeen worri du’e jiru Waaqa duratti guutumatti mudhatti; wonni takkaalle isii hin gollitu. 7 Waaqi gubbaa gara kaabaa addee duwwaa irratti diriirse; lafaalle womaa adoo jala hin jiraatin rarraase. 8 Waaqi duumensa keessatti bisaan kipha; duumensille ulfaatiisa bisaaniitiin hin tarsa’u. 9 Inni barcumaa mootummaa ifii duumensa ifii diriirsee hin golla. 10 Waaqi ifaa fi dukkana gargar baasiisaaf, bisaan irratti naannessee meessaa godheera. 11 Yennaa inni xixu utubooti ol-gubba’aa soda’aan hin raafaman. 12 Inni hunna ifiitiin abbaayaa hin sarmisiisa, qarummaa ifiitiin bineensa guddaa abbaayaa keessaa ka, ‹Rahaab› jedhamu hin kukkuta. 13 Inni hafuura ifiitiin ol-gubbaa qulqulleessee, harka ifiitille’een jawwee lowiisatti jirtu woraane. 14 Kun duudiin waan Waaqi huju keessaa diqqo’o; nuuti hasaassaa isaa qofa dhageenna; mandiisuu hunna isaa eentu hubatuu dande’a ree?» jedhe.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate