Menu

Kitaaba Iyoobii 23

TWF

1 Achiin duuba Iyoob deebisee, 2 «Ani iyyaa aadulle dhowichi isaa waan natti jabaateef, haga ammaa gadhaan kiyya gadda hama’aa fi gungussu’uun guutameera. 3 Addee isa itti dhaggu adoo beeke, gara addee inni le’uu dhaqee, 4 silaa iyyata kiyya isatti dhikeeffadhee, afaan kiyya guutadhee isatti hin dubbadhaayyu. 5 Waan inni naaf deebisu sila hin beekaayyu waan inni naan jedhulle sila hin hubadhaayyu. 6 Waaqi hunna ifii guddo’oon na morminnaa laati? Waawwo’o! Inni naaf hin dhage’a. 7 Achitti nami qajeelaan haajaa ifii Waaqa duratti dhikeeffata; Waaqi abbaan mura’aa kiyyalle haga bara baraa bilisa na hin baasa. 8 «Ani gara aduun baatu yoo dhaqe inni achi hin jiru. Gara aduun seentulle yoo deebi’e, isa dhagguu hin dandeenne. 9 Yennaa inni gara kaabaatiin huju ani isa dhagguu hin dande’u. Yennaa inni gara kibbaallee deebi’uu ani isa dhagguu hin dande’u. 10 Inni ammoo karaa ani deemu mara hin beeka; yennaa inni haga na ilaalu akka worqi’ii qulqulluu te’eeruun na dhagga. 11 Miilli kiyya faana isaa gula deema; karaa isaa irraa asii fi achi hin goru. 12 Ajaja afaan isaatii bawu irraa, ani hin fagaanne; jecha isaalle gadhaa kiyyatti qabadheera. 13 «Waaqi hin jijjiiramu; eennulle isa mormuu hin dande’u; inni waan fedhe godha. 14 Inni waan naaf yaade mara hin muummessa; wonni hedduun akkasii qalbii isaa keessa jirti. 15 Tanaaf ani isa duratti hin bararaqa; yennaa waan kana mara hedu isa sodaadha. 16 Waaqi na sodaachise; ka waan mara dande’u na bararasse. 17 Te’uu malee ani dukkanaan, dukkana dimma fuula kiyya gollite saniin hin cadhinne.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate