Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 47
TWF1 Mootiin Gibxi’ii Fara’oon qachaa Gaaza’aa lolee adoo hin injifatiniin dura marroo Filisxeemotaa ergaan Mootii Waan Maraa ta gara Ermiyaasii dhutte ta asii gad jirtu: 2 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, karaa Kaabaatiin bisaan guutee dhufiisatti jira: «Lolaa jabaa hin te’a; lafa sanii fi waan achi keessa jiru mara qacha’aa fi waan qachaa keessa jiru mara hin golla. Kolbaan qoonqoo ol qabattee hin iyyiti; namooti lafa irra le’anu marti wiiccifatanee hin bowan. 3 Sababa hididdeettii kottee fardo’ootii fi garreettaa diinaa, sababa kokokkeessa korbo’ootiif, abbootiin hunna waan dadhadduuf, ijoollee ifii qarqaariisaaf duubatti hin deebitu. 4 Filisxeemota mara balleessiisaaf, worra hafee isaan qarqaaru mara, Xiiroosii fi Sidoon keessaa guyyaan ani isaan balleessu dhikaateera; worra Filisxeemotaa ka hafane, ka dur oddoola Kaftoriitii dhufane, ani balleessiisaaf ka’eera. 5 Kolbaan qachaa Gaaza’aa gaddanee mataa ifii hin haadatan; kolbaan qachaa Ashiqalonii hin dhumatti. Isin worri dhooqa keessatti baraaree hattane haga yoomii gadditanee nafa ifi mummurtan? 6 «Isin, ‹Ee shallaagaa Mootii Waan Maraa! Ati yoom foorfatta? Gonofaa keetitti deebi’iitii cadhi jedhii tee’i› jedhaa hin iyyitan. 7 Ani Mootiin Waan Maraa shallaagaa kiyya qachaa Ashiqaloniitii fi worra qarqara abbaaya’aa akka loltuuf eega ajaje, attam foorfata ree?» jedhe.
