Menu

Hose'aa Raagichaa 14

TWF

1 Ee kolbaa Israa’elii, cubbuun teessan waan isin gufachiitteef, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebi’a’a. 2 Jechoota kana isaan jedhiisaaf, fudhadha’aatii gara Mootii Waan Maraa deebi’a’a’a: «Cubbuu teenna mara nuu araaram! Galata dansaa afaan keennaa akka dhikeessinu, mararti’iin nu fudhadhu. 3 Asoor nu baasuu hin dande’u; fardoo lolaa irra hin teennu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne si’iin marartii waan dhaggattuuf, nuuti ijjumaa deebinee waan harki keenna hujeen, ‹Waaqota keenna› hin jennu» jedha’aan. 4 Mootiin Waan Maraa, «Ani dhukkuba na irraa isaan fageessu irraa isaan hin fayyisa; aariin tiyya isaan irraa waan deebiteef, ani akkasumaan isaan hin jaaladha. 5 Ani Israa’eliif akka tiifu’uu hin te’a. Isaan akka daraara’aa hin baqan; akka hindheensa Libaanonii hidda gad hin naqatan. 6 Isaan quunxoo haareya hin baasan. Akka muka ejersaa hin miidhagan; fooleen isaanii akka hindheensa Libaanonii hin teeti. 7 Isaan deebi’anee gaaddisa kiyya jala hin boqatan. Akka midhaanii hin latan; akka muka woyni’ii hin daraaran; akka daadhii woynii biyya Libaanonii gurra hin horatan. 8 Ee kolbaan Efreemii, waaqota dharaa biraa ani maan qaba ree? Ka deebii isiniif kennu, ka isin kunuunsu ana. Ani akka muka yennaa mara bisiluu ti; eebbifam keessan na biraa dhufa» jedha. 9 Nami qaroon waan kana hin hubata; nami woy hubatu waan kana hin qalbeeffata; karaan Mootii Waan Maraa qajeela’a; balchooleen irra ideeman; finqiltooti ammoo keessatti gufatan.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate