Hose'aa Raagichaa 10
TWF1 Kolbaan Israa’elii akka muka woyni’ii ka banqaaqee, midhaan bacaa buusuu ti; isaan akkuma bacatane, addee ciinca’aa bacaa ijaarratane; akkuma latti isaanii tolte, soodduu woyyittii waaqa dharaalle seesanee hujane. 2 Gadhaan isaanii sobaan guutameera; amma isaan yakkaa ifiitiif adabbii fudhatuu qaban. Mootiin Waan Maraa addee ciinca’aa ta isaanii hin caccassa; soodduu woyyittii waaqa dharaa ta isaaniille hin balleessa. 3 Achiin duuba isaan, «Nuuti Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenniisa waan dhanneef, mootii hin qannu; ammoo mootii adoo qabaannelle’ee maan nuu godhuu dande’a?» hin jedhan. 4 Isaan waadaa hedduu galaa, kakuu dharaa kakataa, wolii galtee godhatan. Tanaaf, akkuma shuqunaan hadhaa ifi keessaa qaddu fichaa keessatti bacattee lattu, muraa isaan kennanu irratti moromaan hin bacatti. 5 Worri qachaa Samaariya’aa keessa le’u waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu ka Bet-Aweenii hin sodaatan; isaafille hin bowan. Waaqi dharaa ka isaan ulfinna isaatiif firinxiixanu waan isaan duraa booji’ameef, hayyooti isaa, isaaf wiiccifatanee hin bowan. 6 Waaqi dharaa ka jabbii fakkaatu sun gara biyya Asoorii geeffamee, mootii guddichaaf kennansa te’ee hin dhikaata. Kolbaan Efreemii hin salphatti; sababa waaqa dharaatiif hin fokkifatti. 7 Samaariya’aa fi mootiin isi’ii akka hoomacha bisaan irraa hin badan. 8 Addeen waaqonfanna’aa ta Bet-Aweenii, addeen Israa’el waaqota dharaa waaqonfatiisaan cubbuu itti hujju hin baddi; addee ciinca’aa ta isaanii san irratti qore’ee fi qumi’uuduun lattee hin golliti. Achiin duuba isaan gaarotaan, «Nu golla’a», koobotalle’een, «Nu irratti jiga’a» hin jedhan. 9 Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa’elii, bara qachaa Giibe’aatii jalqaddanee cubbuu hujjane; achumatti itti jabaattane. Worra waan hantuu huju ka Giibe’aa keessaa lolli hin findhee ree? 10 Ani yennaa fedhe isaan hin adaba; marroo cubbuu dacha’aan hujanuuf, isaan adabiisaaf, gosi biyya adda addaa wolitti qabamanee isaan irratti hin ka’an. 11 «Kolbaan Efreemii akka goronsa leenjifamee, midhaan dhowiisa jaalatuu ti; maarre ani morma kolbaa Efreemii dansaa san irra waanjoo keyee hin oofa. Yihudaan lafa qotuu qaba; Yaaqoobille lafa laaffisuu qaba. 12 Ani, ‹Yennaan tun yennaa isin ana Mootii Waan Maraa barbaaddanu waan teeteef, haga ani dhufee balchummaa isin irratti dhangalaasutti, ifumaaf balchummaa facaafadha’a; midhaan jaalala bara baraa haammadha’a; lafa hin qotamin qota’a› jedhe. 13 Isin ammoo hammeenna facaafattanee, waan hantuu haammattane; midhaan dhara teessanii nyaattane. Hunna teessanii fi bacinna jannoota teessanii waan addattaneef, 14 akkuma mootichi Shalmaan guyyaa lolaa qachaa Bet-Arbelii balleesse, haadha ijoollee isi’ii woliin lafa irratti macalaasee, lolli kolbaa teeti irratti hin ka’a; kusheen teessan martille hin baddi. 15 Ee kolbaa qachaa Bet’elii, hammeenni keessan guddaa waan te’eef, isin irralle’etti akkasuma hin teeti. Guyyaan sun yennaa geye mootiin Israa’elii ijjumaa hin bada.
