Menu

2 Saamu'elii 9

TWF

1 Daawiti, «Marroo Yonaataaniitiif jedhee ka ani waan dansaa godhuufii dande’u, sanyii Saa’olii keessaa nami hafe hin jiraataa laati?» jedhee gaafate. 2 Maatii Saa’olii keessa tajaajilaan, «Ziibaa» jedhamu tokko waan jiruuf, akka inni gara Daawitii dhaqu isa waamane; mootichille, nami «Ziibaa» jedhamu si’ii? jedhee isa gaafate. Innille, «Eeti’i ana tajaajilaa keeti» jedhee deebise. 3 Mootichi, «Arjummaa Waaqaa akka ani itti mudhisuuf sanyii Saa’olii keessaa nami hafe hin jiruu?» jedhee gaafate; Ziibaan deebisee, «Ilmi Yonaataanii ka miila naafateeru tokko jira» jedhe. 4 Mootichille, «Inni amma eessa jira?» jedhee gaafate. Ziibaan deebisee, «Inni qachaa, ‹Lodebaar› jedhamu keessa mana Maakiirii ilma Amii’elii keessa jira» jedhe. 5 Maarre mootichi Daawiti qachaa, «Lodebaar» jedhamu keessaa mana Maakiirii ilma Amii’elii keessaa Mefii-Bosheet akka fidanu godhe. 6 Akaakoon Saa’olii ilmi Yonaataanii Mefii-Bosheet gara Daawitii dhufee, ulfinna isaatiif gad lafatti gombifamee nageya fuudhe; Daawitille, «Mefii-Bosheet» jedhee waame; innille, «Kunoo ani tajaajilaan keeti» jedheen. 7 Daawiti deebisee, «Hin sodaatin! Marroo abbaa keetii Yonaataaniitiif jedhee ani dhugumaan si’iif waan dansaa hin godha; lafa akaakoo keeti Saa’olii mara si’iif hin deebisa; yennaa mara qorii tiyya keessaa hin nyaatta» jedheen. 8 Mefii-Bosheet gad lafatti gombifamee, «Ana nama akka saree duuteetitti laakkowamuuf, ta ati waan dansaa akkasii gootuuf, ani tajaajilaan keeti eennu inni?» jedhe. 9 Achiin duuba mootichi tajaajilaa Saa’olii Ziibaa waamee, «Ani waan qabeenna Saa’oliitii fi maatii isaa te’e mara Mefii-Bosheetii akkaakoo goottaa keetii Saa’oliitiif kenneera. 10 Ati, ilmaan teetii fi tajaajiltooti teeti akaakoon goottaa keetii waan nyaatu akka dhaggatu lafa isaaf qota’aatii midhaan isaaf galcha’a! Akaakoon goottaa keetii Mefii-Bosheet ammoo yennaa mara qorii tiyya keessaa nyaata» jedhe; Ziibaan ilmaan kudhanii shanii fi tajaajiltoota diddama qabaayyu. 11 Achiin duuba Ziibaan mootichaan, «Waan goottaan kiyya mootichi tajaajilaa ifii ajaje mara, ani tajaajilaan keeti hin huja» jedhe; maarre Mefii-Besheet akkuma ilmaan mootichaa qorii Daawitii keessaa nyaataayyu. 12 Mefii-Bosheet ilma dargaggeessa, «Miikaa» jedhamu tokko qabaayyu; namooti maatii Ziibaa keessa jiranu marti tajaajiltoota Mefii-Bosheetii te’ane. 13 Mefii-Bosheet yennaa mara qorii mootichaa keessaa waan nyaatuuf, Yerusaalem keessa le’aayyu; inni miila lamaanuu naafa.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate