Menu

1 Ergaa Yohaannisii 1

TWF

1 Marroo jecha jiru’uu ka jalqabaa jalqabee jiruu, ka gurra keennaan dhageenne, ka ila teennaan dhaggine, ka ilaallee fi ka harka keennaan qaqqannee isiniif barreessina. 2 Jiruun tun mudhifanteerti; nuutille dhaggineerra, dhugaalle hin baana. Jiruu bara baraa ta Abbaa woliin turtee, nu’utti mudhifante tana isinitti hinna. 3 Isinille nu woliin tokkummaa akka qabaattanuuf, waan dhagginee fi waan dhageenne isinitti hinna; tokkummaan teennalle Abba’aa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin. 4 Gammadi keenna guutuu akka te’uuf tana barreessina. 5 Ergaan nuuti isa irraa dhageennee isinitti hinnu, «Waaqi ifa; dukkanti isa keessa ijjumaa hin jirtu» ta jettu tana. 6 Waaqa woliin tokkummaa qanna jedhaa, dukkana keessa yoo deddeebine hin sonna; dhugaan nu keessa hin jirtu. 7 Ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nuutille ifa keessa yoo deddeebine woli woliif tokkummaa qanna; dhiigi Ilma isaa ka Yesuusii, cubbuu teenna mara irraa nu qulleessa. 8 Cubbuu hin qannu yoo jenne ifi sonna; dhugaalle nu keessa hin jirtu. 9 Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa. 10 Nuuti cubbuu hunyee hin jirru yoo jenne, Waaqa dharaamessa goona; jechi isaalle nu keessa hin jiru.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate